Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Irree fi gaachenni ummata Oromoo Gootichi WBOn Godina Bahaa keessa sossoohu, humna qubattuu waraana Wayyaanee haleeluun 18 ol hujiin ala taasise.

 

(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 23,2009) Odeessi waranaa dirree baha irraa nu gahe akka mirkaneessutti, WBOn godina Bahaa Harargee Lixaa keessa sossoohu, Hagayya 19,2009 Ona Daaroo Labuu bakka Cirracha Qal’aa je’amtutti haxxee hidhuun waranaa wayyaanee rukutee 2 irraa ajjeessee kanneen biroo hudduu madeesse.

WBO tarkaanfii diina irratti fudhataa jiru itti fufuun Hagayya 20,2009s  Hararguma Dhihaa naannoo Dhungataa bakka Dhuubbaa je’amtutti mooraa waranaa wayyaanee weeraruun battalumatti loltoota sirnichaa 11 ajjeessee kanneen biroo 5 ol madoo taasisuu ajajni WBO godina Bahaa beeysisee jira.

Ajajaan 50 Ibarahim Mo’ed je’amu loltoota wayyaanee haleellaa WBOn ajjeefaman keessatti argama. WBOn haleellaa tanaan mooraa diinaa yeroof toohatuu isaas ajajni WBO Godina Bahaa mirkaneesseera.

Tarkaanfilee kanneeniin  qawwee AKn 47 11, rasaasonni, boombiilen, uffanni waranaa, galaan waranaa , mallaynii fi galmeen ciccitii diinaa qaban hedduun WBOn booji’amanii dantaa QBOf oolfamus ajajni WBO godinichaa mirkaneessee jira.

Hanga sirni gabroomfataan wayyaanee guutummaa Oromiyaa keessa duguugamee bahuttis tarkaanfiin fudhatama jiru cimee akka itti fufu beeysise.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net